Michummaa bu’uura cimaarratti hundaa’uun guddachaa dhufe

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Dippilomaasiin Itiyoophiyaa yeroo ammaa jijjiirama bu’uuraa keessa jira.

Humna keessoo fi carraaqii cimaadhaan hariiroo madaalamaafi faayidaa biyyaa dursu hordofuun, xiyyeeffannoo addunyaa hawwachuu dandeesseetti.

Hariiroon Raashiyaa fi Itiyoophiyaa gidduu jirus, faayidaa waliinii, walqixxummaa fi birmadummaarratti hundaa’uun gara tumsa tarsiimawaatti ce’aa jira.

Hariiroon biyyoota lamaanii kun waggoota 125 ol kan lakkoofsiseedha.

Hariiroon kunis mootummoota dhufaa darbaa waliin cimee kan itti fufeedha.

Keessattuu biyyoonni lamaan dameewwan Daldalaa, Nageenyaa, Invastimantii, Aadaa, Anniisaa, Barnootaa fi Diingadeen hariiroo cimaa yeroo waliin guddachaa adeemu ummataniiru.

Biyyoonni lamaan bara Faranjootaa 2026 baatii Amajjii hanga Fulbaanaatti qofa hariiroo daldalaa Doolaara biiliyoona 1.3 caaluu galmeessaniiru.

Addatti ammoo maashinaroota qonnaa, oomishaalee Indaastirii, Annisaa, meeshaalee waraanaa, Buna, Abaaboo fi uffataalee bal’inaan walirraa bitaniiru.

Walitti dhufeenyi kabaja, walqixxummaa fi wal-faaydaa irratti ijaarame kun, michummaa biyyoota lamaan gidduu jiruuf bu’uura cimaa ta’eera.

Kunis yeroo ammaatti teeknooloojii fi dandeettiin waraanaa birmadummaa biyyattii eeguu keessatti gahee olaanaa qaba.

Mootummaan Raashiyaa tattaaffii nagaa Itiyoophiyaan wabii tasgabbii ardii akka ta’etti ilaaluun ilaalcha gaariin deeggaraa tureera.

Walitti dhufeenyi cimaan biyyoonni lamaan waggoota darban keessatti damee hundaan agarsiisan murannoo cimaa biyyoonni lamaan qaban kan agarsiisudha.

Michummaan seena qabeessi kun dantaa waloo ummatoota lameenii tajaajiluu fi madaallii dippilomaasii idil-addunyaa cimsuu itti fufa.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Afrikaa Raashaa irratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichaan cinaa hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin waliin mari’ataniiru.

Milkaa’inni seena qabeessi kun birmadummaa biyyattii caalmaatti kan cimsuu fi gara fuulduraattis nageenya waloofi tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf imala taasifnuuf dandeettii guddaa nuuf ta’a jedhan.

Biyyoonni lamaan dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnootaa akkasumas teeknooloojii irratti tumsa qaban caalaatti guddisuuf kutannoo waloo qaban irra deebiin mirkaneessaniiru.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment