Finfinnee, Adoollesa 26, 2018( FMC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan duula dhaabbii ashaaraa magariisaa guyyaa boruu gaggeeffamu irratti uummanni dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Adoolessa 27 bara 2018 akka biyyaatti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfameera. Kana keessaa Naannoon Oromiyaa guyyaa boruu biqiltuu miliyoona 466 dhaabuuf qophii hunda xumuruun hirmaannaa keessan eegaa jira jedhaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Uumaan WAAQA!
Ummamni tokko Ilma Namaati! Tokkos maree dacheefi saamii hafeeti!
Safuun eegduu madaallii hariiroo rogsadanii — Waaqa, ilma namaafi umama hafeeti.
Madaalliin maddii hinqabdu; Ororoo mudoo hinqabne.
Eegumsi qabeenya umamaa dur Safuu ture; har’a ammoo Araara.
Araara Waaqa muufachiifnefi umama mancaafne waliin taasifnu!
Araara Safuu daganne waliin taasifnu!
Kanaaf, araara of-waliin taasifnu!
Kanaaf araara dhaloota egeree waliin taasifne!
Eegumsi qabeenya umamaa filannoo osoo hintaane bu’uura jireenyaafi misooma waaraati.
Duudhaan ummata keenyaa lafa, bishaan, bosonaafi bineensa akka madda jireenyaatti kunuunsuu, eeguufi dhaloota egereef dabarsuu irratti kan hundaa’e ture.
Haata’u malee, dhiibbaan waggoota dheeraaf geessifame madaallii umamaa keenya booresseera; jireenya hawaasaa irrattis dhiibbaa guddaa geessiseera. Kanaaf hariiroo kana deebisanii meelchuuf, dirqamni isaa saggoo dhaloota keenyarratti hafe.
Yaada Looreeta Nagaa Addunyaa, Muummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD) kan ta’e Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, hojii biqiltuu dhaabuu qofa osoo hintaane, duudhaatti deebi’uun abdii egeree dhaabuu akka ta’e ifa galaadha. Har’a imalli sun bu’aa qabatamaa argamsiisera. Bosonni deebi’aa jira; dhiqamni biyyee hirdhachaa jira; kuufamni bishaanii dabalaa jira; madaalliin naannoos fooyya’eera.
Kun hundi wabii nyaataafi dinagdee magariisaa ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’aa jira.
Hunda caalaa ammoo, sochiin kun hojii dhaabbii biqiltuu qofa ta’ee hindaangofne. Ummanni keenya Tajaajila Lammummaa jalatti gurmaa’uun Ashaaraa Magariisaa cinaatti misooma sululaa, eegumsa bosonaa, bulchiinsa bishaaniifi kkf keessatti hirmaannaa fakkeenyummaa qabu agarsiiseera.
Adeemsi kun qabeenya umamaa tiksuu qofa osoo hintaane, hawaasa duudhaafi safuu ganamaatti deebi’ee naannawa isaa ofiin kunuunsu ijaaruu danda’eera. Bu’aan isaas ifatti muldhachaa jira.
Lafti manca’ee ture gara oomishtummaatti deebi’aa jira; sululoonni deebi’anii magariisa ta’aa jiru; maddi bishaanii haaromaa jira. Danummaan lubbu-qabeeyyii dabalaa jiara. Kunis carraa hojii, galiifi jireenya maatii hedduuf bu’uura. Kana malees, hirmaannaan ummata keenyaa kun mootummaaafi hawaasa idil-addunyaa biratti biyya keenyaaf maqaa gaarii horee jira.
Milkaa’inni kun mootummaa qofaan kan dhufe miti; hirmaannaa ummata keenyaa karaa Tajaajila Lammummaa duudhaa isaa kabajee taasiseen kan dhugoome. Hirmaannaa boonsaa ummata keenyaa bu’aa dachaa argamsiise kanaaf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin, kabajaafi galata olaanaan dhiyeessa.
Bara kanas, akka biyyaatti biqiltuu “Biliyoona 8” dhaabuuf hojjetamaa jira. Kana keessaa naannoon keenya biqiltuu biliyoona 4.84 dhaabuuf karoorsee hojii raawwataa jiruun, hanga ammaatti biqiltuu biliyoona 3.5 ol dhaabuun danda’ameera.
Akkasumas, duula guyyaa tokkootiin, Adoolessa 27 bara 2018 akka biyyaatti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfameera. Kana keessaa Naannoon Oromiyaa guyyaa boruu biqiltuu miliyoona 466 dhaabuuf qophii hunda xumuruun hirmaannaa keessan eegaa jira.
Kabajamaa ummata naannoo keenyaa, guyyaan boruu guyyaa biqiltuu qofa dhaabnu miti. Guyyaa araara Waaqafi umama hafe waliin taasifnu cimsuun abdii dhaloota egeree waliin dhaabnu. Ashaaraan har’a keenyu, jiruuf jireenya boru dhaloonni dhaalu murteessa. Kanaaf, guyyaa boruu garaagarummaa kamiyyuu cinaatti dhiifnee, harka walqabannee hojii seena-qabeessa kana irratti dammaqinaafi ittigaafatamummaa olaanaan hirmaachuun dirqama waliinii keenya akka baanu waamicha kabajaan isiniif dhiyeessa.
Ashaaraan Magariisaa eegumsa qabeenya umamaati!
Eegumsi qabeenya umamaa dur Safuu har’a araara!
Araara Waaqa muufachiifnefi umama mancaafne waliin taasifnu!
Araara Safuu daganne waliin taasifnu!
Kanaaf, araara of-waliin taasifnu!
Kanaaf, araara dhaloota egeree waliin taasifnu!