Obbolaa lamaan Tiyoo fi Lukaas Hernandeez garee biyaalessaa Faransaay keessatti

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Lukaas Hernandeez fi Tiyoo Hernandeez obbolaa kilaboota Awurooppaa fi garee biyyaalessaa Faransaay keessatti milkaa’an keessaa isaan adda dureedha.

Obbolaan kun sarara ittisaa qofa osoo hin taane, lamaan isaaniyyuu sarara ittisaa bitaa irratti taphachuun isaanii waan nama dinqisiisuudha.

Garee biyyaalessaa Faransaayiif waliin seenaa hojjechuuf kan danda’an obboolan kun, lachuu ittisa bitaa irratti waan taphataniif bakka kana irratti filatamuuf dorgommii guddaa taasisaa turaniiru.

Waancaa Addunyaa Qaataar 2022 irratti tapha jalqabaa Faransaay taphatte keessatti, inni quxusuu Lukaas Hernandeez miidhaan jilbaa hamaan yoo irra ga’u, isa bakka bu’ee kan seene obboleessa isaa Tiyoo Hernandeez akka ture ni yaadatama.

Kana malees, bara 2021 keessa Faransaay garee biyyaalessaa Beeljiyeem 3 fi 2’n yeroo mo’attu, obboolan kun lachuu tapha jalqabaa waliin jalqabaniiru.

Tapha kana irratti Tiyoo Hernandeez galchii injifannoo kan galche yoo ta’u, obboolan kun Faransaayiif waliin hiriiranii injifannoo galmeessisuu danda’aniiru.

Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Meeksikoofi Kaanadaan qopheessan irrattis waamicha leenjisaa Didiyeer Deeshoo dhiyaateefiin gara iddoo dorgommiichi adeemsifamutti imalaniiru.

Kanaanis maatii tokko keessaa ba’anii waltajjii guddaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuum seenaa hojjetaa jiru.

Mubaarak Faantaawutu gabaase

#Oromia #Ethiopa

Comments (0)
Add Comment