Finfinnee, Waxabajjii 20, 2018 (FMC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan, bara baajataa 2018 oomisha bunaarraa galiin doolara biiliyoona 3 argachuun danda’ameera jedhan.
Waltajjiin Marii wixinee sanada hojiirra oolmaa paakeejii misooma buna biyyaalessaa waggoota shanan dhufan hojiirra oolu irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Obbo Addisuu Araggaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Paakeejiin misooma buna hojiira oolu kun fayyadamummaa Itiyoophiyaan misooma bunarrartti qabdu ni guddisaa jedhan.
Damicharratti qorannoo gadifageenyaan gageessuun bu’aa fooyyaa’aa galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeruun, jiruuf jireenyaa hawaasa qonnaan bulaa fooyyeessuuf kan hojjetamu ta’uus kaasaniiru.
Sanadni hojiirra oolmaa paakeejii misooma bunaa kun qajeelfamoota oomishtummaa bunaa heektaara tokko irraa argamu guddisuu dandeessisan kan of keessatti hammate ta’uu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Doktaar Addunyaa Dabalaa dubbataniiru.
Heenook Lammeetu gabaase.