Oromiyaatti bara 2018 albuudarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 70 argame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2018 albuudarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 70 argamuun ibsameera.

Mootummaan naannichaa sirna bulchiinsa albuudaa ammayyeessuun qooda albuudni diinagdee naannichaa guddisuu keessatti qabu dabaluuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuunis eerameera.

Bara oomishaa 2018 keessa dhaabbilee oomisha albuudaa irratti bobba’an 27’f meeshaalee oomishaa ammayyaa dhiyeessuuf karoorfamee 33 dhiyeessuun akka danda’ame himameera.

Dhiyeessii faayinaansii dhaabbilee 142’f dhiyeessuuf karoorfamee dhaabbilee 73’f dhiyeessuun akka danda’ames ibsameera.

Hojii dhiyeessii albuudaa milkeessuuf hojjetamaa tureen Albuuda Sookoo kiiloogiraa kuma 6 fi 652, Albuuda miidhaginaa kiiloogiraam kuma 10 fi 522, Albuuda Sibilaa toonii kuma 2 fi 123 fi Albuuda Indaastirii toonii kuma 35 fi 881 gabaa alaaf dhiyeessuun akka danda’ame eerameera.

Albuudota gosa garaagaraa gabaaf dhiyaatan kanneen irraas sharafa alaa Doolaara miiliyoona 903 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 70 argamuu ragaan Kominikeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Albuudota ijaarsaa meetir Kiyuubii miiliyoona 37 fi kuma 600, Sibiila toonii kuma 38 fi 220 akkasumas Albuuda Indaastirii toonii miiliyoona 20 fi kuma 600 gabaa biyya keessaaf dhiyaaterraas galii Birriin biiliyoonni 4 fi miiliyoonni 300 argamuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment