Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuu Baala shaayii miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 misoomsuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.
Har’a godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Sadii Looyyaa kilaastera Cawuraatti dhaabbiin biqiltuu baala shaayii gaggeeffameera.
Aanichaatti lafa hektaara 500 ol irrattii biqiltuu baala shaayii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Geeraa obbo Muddasir Abbaa Dagaan ibsaniiru.
Godina Jimmaatti biqilaan baala shaayii miiliyoona 60 ol aanaalee godinichaa hunda keessatti qophaa’uu bulchaan godina Jimma obbo Tijaanii Naasir himaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun gama isaaniin, mootummaan naannichaa inisheetiivoota gosa gara garaa bocuun galmoota damee baadiyyaan qabaman milkeessuuf hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Godinaalee Oromiyaa sadan Jimmaa, Buunnoo Beddeelleefi Iluu Abbaa Booriittii biqiltuun baala shaayii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 20 kilaastaraan dhaabbataa jiraachuu ibsaniiru.
Aminaa Abdallaahitiin
#Oromia #Ethiopia