Finfinnee, Ebla 30, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bara kana Piroojektoonni kumni 21 ol Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 60 oliin ijaaraman eebbaaf qophaa’uu Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatti itti gaafatamaan Siyaasaa obbo Namarraa Buliin ibsaniiru.
Naannichatti Piroojektoota kuma 23 fi 800 Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 39’n ijaaramaa jiran keessaa Piroojektoonni kumni 21 xumuramuun eebbaaf qophaa’uu dubbatan.
Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti bara kana projaktootni 78 ol Birrii biiliyoona 3.9 ijaaramaa jiran eebbaaf qaqqabuu Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa obbo Xahaa Qamar ibsaniiru.
Piroojektoonni kunneen lammiilee kuma 12 oliif carraa hojii uumuu eeran.
Magaalichatti Piroojektoonni Waajjiraalee bulchiinsa gandaa, manneen barnootaa bu’uura boruu fi sheediiwwan indaastrii Godoo eebbifamaniiru.
Abdurrahmaan Mahammadiin
#Oromia #Ethiopia