Oromiyaatti Qormaata Sadarkaa Naannoo Kutaa 6ffaa fi 8ffaaf qophiin xumurame- BBO

Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti qormaata Sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa kennuuf qophiin barbaachiisu xumurameera jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.
Naannichatti Barattoonni kumni 900 fi kumni 76 ol Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa fi 8ffaa kan fudhatan ta’uu Sadarkaa itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Gorsaan Biirichaa Obbo Efireem Tasammaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Biirichi Qormaatilee Sadarkaa Naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa kennuuf qophii barbaachiisu xumuruu ibsaniiru.
Qormaata sadarkaa Naannoo Xumura Barnoota Sadarkaa 1ffaa Kutaa 6ffaan Barattoonni kumni 500 fi kumni 47 ol qormaaticha kan fudhatan ta’uu himaniiru.
Qormaatni sadarkaa Naannoo kutaa 6ffaa Waxabajjii 8 fi 9, 2018 kan kennamu ta’uu dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Barattoonni kumni 400 fi kumni 30 ol qormaata Naannoo xumura sadarkaa Giddugaleessaa kutaa 8ffaa Kan fudhatan ta’uu himaniiru.
Qormaatichi waxabajjii 11 fi 12, 2018 kan kennamuu akka ta’e eeraniiru.
Waliigalatti Barattoonni kumni 900 fi kumni 70 ol qormaata sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa kan fudhatan ta’uu kaasaniiru.
Hawaasni Manneen Barnootaa, Maatiin Barattootaa, akkasumas barattoonni qophii irraa eegamu xumuruun guyyichaaf akka of qopheessan waamicha dhiyeessaniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
Comments (0)
Add Comment