Finfinnee, Hagayya 1, 2018 (FMC) – Oromoon hin jiru taanaan Itiyoophiyaan hin jirtu jedhan Mnistirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii OBN waliin taasisaniin, uummanni Oromoo ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti qooda olaanaa bahachuu ibsaniiru.
Oromoon lubbuu isaa wareegee biyya kana ijaaruu yaadachiisanii, sirna gita bittaa irratti malee Itiyoophiyaa irratti qabsaa’ee akka hin beeknes eeraniiru.
Ijaarsa biyyattii keessatti guyyaa tokko duubatti jedhee hin beeku; gara fuulduraattis duubatti jedha jedhee hin yaadu jedhaniiru.
Oromoon Itiyoophiyaadha Itiyoophiyaan ammoo Itiyoophiyaarraa fottoquu hin dandeessus jedhan.
Biyya abbootiin Oromoo dhiigaan ijaaran jechaan kan hin diigamne ta’uus kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia