Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Paakistaan yaalii miisaa’ela Kiruuzi ‘Taayimoor Eer’ jedhamu milkaa’inaan gaggeessisuun gabaafame.
Miisaa’elli kun farra doonii fageenya irraa qiyyeeffachuuf dandeessisu ta’uun kan ibsame yoo ta’u nageenya galaanarraa ishee eegsisuuf akka gargaarus eerameera.
Miisaa’elli Humni Galaanarraa biyyattii furguggise kun yaaddoowwan galaanarraa adda baasuu fi dhabamsiisuuf dandeettii olaanaa qabaachuu Anaadooluun gabaaseera.
Yaaliin kun dandeettii ittisaa biyyattii kan guddisu ta’uus ibsameera.
Hoggantoonni siyaasaafi loltummaa biyyattii saayintistootaafi injinaroota yaalii miisaa’elichaa irratti hirmaatan dinqisiifachuun sirna ittisaa mandhalee biyyattiif dandeettii murteessaa ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia