Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingi waliin mari’ataniiru.
Tumsi gama maraa Raashiyaafi Chaayinaa fakkeenya dippiloomaasii bara kanaa ta’uu Pireezidaanti Viilaadmiir Puutiin ibsaniiru.
Hariiroon biyyoota lameenii qajeeltoo fayyadamummaa waloo fi wal amantaa irratti hundaa’e ta’uu kaasanii, kaayyoon isaas nageenyaafi guddina uummata biyyoota lameenii mirkaneessuu akka ta’e eeran.
Hoggantoonni lameen mariin booda dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf waliigalteewwan mallatteessuu CGTN gabaaseera.
Hariiroon biyyoonni lameen dameewwan diinagdee, siyaasaa, loltummaafi uummataan qaban yeroodhaa gara yerootti jabaachaa dhufeera.
Tumsa diinagdeen Chaayinaan boba’aa Raashiyaa bituun biyya jalqabarra jirtu yoo taatu, waljijjiirraan daldalaa biyyoota lameeniis waggaatti Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 35 hanga Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 40 akka ta’e ragaan BBC ni mul’isa.
Miikiyaas Ayyalaan.