Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi waggoota 7 booda daawwaannaa hojiif Kooriyaa Kaabaa dhaqan.
Pireezidaanti Shii Jiinpiingi gita isaanii Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi fi kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Beejingitti erga simatanii torbeewwan keessatti daawwannaaf gara Kooriyaa Kaabaa imaluu isaanii BBC’n gabaaseera.
Shii Jiinpiingi bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kiin Joong Uun waliin wal arguun dhimmoota Niwuukilaarii, hariiroo Ameerikaa waliin qaban,akkasuma walitti bu’iinsa Kooriyaa lamaan gidduu jiru irratti ni mari’atuun eegama.
Ministirri Alaa Chaayinaa Waangi Yuun baatii Eblaa keessa gara Piiyoongiyaang imalanii turuun ni yaadatama.
#Oromia #Ethiopia