Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin Farasaay Imaanu’eel Maakroon daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin simatamaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakrooniin gara Itiyoophiyaa baga nagaan dhuftan kanan jedhu gammachuu guddaani jedhan.
Daawwannaa sadaffaan Itiyoophiyaatti taasisan michummaa jabaa biyyoota lameeniif agarsiistuu ta’uus ibsaniiru.
Mariiwwan murteessoofi bu’aa qabeesssa ta’an irratti kan xiyyeeffatan ta’uu kaasanii, hariiroon Itiyoophiyaafi Faransaay cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia