Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 29ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Hadiyyaa Hoosa’iinaan Istaadiyeemii Finfinneetti Maqalee 70 Indartaa yoo keessummeessu, sa’aatii 10:00 jalqabee ammoo Aarbaa Minci Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin taphata.
Sa’aatii 9:00 eegalee bara kana taatee addaa Piriimeer Liigichaa kan ta’e Nageellee Arsiin Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Faasiil waliin yoo taphatu, galgala sa’aatii 12:00 eegalee Bunni Itiyoophiyaa Yuunivarsiitii WalwaalooAddigraat waliin morkata.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 54’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 47’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 44’n sadarkaa 3ffaarratti argamu.
#Oromia #Ethiopia