Poolisiin Federaalaa Teeknooloojii jabanaa hidhachuun ga’umsa isaa guddiseera – Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’eel

Finfinnee, Caamsaa 14, 2018 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Teeknooloojii jabanaa hidhachuun ga’umsa isaa guddiseera jedhan Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel.

Guyyaan Hundeeffama Poolisii Itiyoophiyaa waggaa 117ffaan Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.

Daangaan biyyaa kabajamee lammiileen bilisummaan akka socho’an Poolisiin gahee olaanaa bahachaa jiru.

Dhaabbatichi yakka dursee ittisuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf ga’umsa olaanaarratti kan argamu ta’uu dubbatan.

Yakkootaa fi kanneen hidhata qaban ittisuuf Sirna diijitaalaa hojiirra oolchuun hojiilee Poolisii ammayyeessuun danda’amuu eeran.

Yakka saayibarii, waliin dhahiinsa faayinaansii fi ashaaraawwan diijitaalaa walxaxaa ta’an yeroo gabaabaa keessatti xinxaaluun ragaaf dhiyeessuun dhaabbatichi akka Afrikaatti hidhannoo Teeknooloojiin adda duree ta’uu eeran.

Hidhannoo biyyoonni muraasni qofti hidhatan hidhachuun jabana waliin tarkaanfachaa jiraachuu kaasan.

Dandeettiin yakka ittisuu teeknooloojiin deeggarame guddachuu himanii, yaaddoo nageenyaa kamiiyyuu qolachuuf ga’umsa olaanaarratti kan argamu ta’uu dubbatan.

Wandimmuu Addunyaan

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment