Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Qaamolee maree biyyaalessaarratti hirmaachuu qaban keessaa % 95 hirmaataniiru jedhe Komishinii Maree Biyyaalessaa.
Komishinii Maree Biyyaalessaa yeroo ammaa akkaataa aangoo isaan ajandaa dantaa bu’uuraa biyyaalessa Itiyoophiyaa adda baasuun bocee qopheessaa jira jedhan komishinichatti Qindeessaan qabiinsa Komii obbo Buzunaa Asaffaan.
Qaamoleen dhimmi ilaallatus ajandaa bocamerratti yaada kennaa jiraachuu eeran.
Akka biyyaatti qaamoleen rakkoo Itiyoophiyaan qabdu mariin hiikuuf fedhii qaban hundi marii sadarkaa garaagaraatti qophaa’eerratti hirmaachuu ibsan.
Akkaataa komishinichi qopheesseen qamoolee maree biyyaalessaarratti hirmaachuu qaban keessaa % 95 hirmaachuu himan.
Haalli marii keessa turee fi ajandaan kennames rakkoolee Itiyoophiyaa furuuf abdii olaanaa kan uume ta’uu kaasan.
Akkaataa adeemsa marii komishichi qopheesseen yeroo ammaa mariisiftoota kutaalee adda addaarraa walitti dhufan 160 ta’aniif maalummaa maree biyyaalessaa, adeemsa isaa, ajandaa dhiyaatan, aangoo komishichaa fi gahee mariisiftootarratti leenjiin kennamuu dubbatan.
Komishiniin maree biyyaalessaa qaamolee hanga ammaatti marii biyyaalessaarratti hirmaanneef ammas waliin mari’achuuf balballi isaa banaa ta’uu ibsan.
Kanaafis komishinichi haala mijeessuuf dirqama irraa eegamu kan bahatu ta’uu himan.
Marii biyyaalessaarratti hirmaachuun dirqama lamummaa ta’uu hubachiisan.
Carraa gara fuulduraa Itiyoophiyaa murteessuuf mareen biyyaalessaa meeshaa olaanaa ta’uu qaamni hundi hubachuu akka qaban ibsan.
Garaagarummaan jiru kan furamu mariin malee walwaraanuun waan hin hiikamneef carra jirutti fayyadamnee karaa haqaa fi dhugaa ta’een waliin mari’achuun biyya haa ceesifnu jechuun waamicha dhiyeessan obbo Buzunaan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia