Qabxiilee gurguddoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii Amaaraa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisan irratti kaasan keessaa:-

👉 Uummanni Amaaraa uummata gamna, dubbii hundee isaarraa hubachuuf, gamaaggamuuf uummata rakkatu miti; sababaafi bu’aa dhimma kanaa tasgabbiin osoo gamaaggamee gadi fageenyaan osoo ilaalee ijoo dhimmichaa argachuun itti ulfaata jedhee hin amanu.

👉Namoonni naannoo Amaaraarraa gara bosonaa seenan, namoonni naannoo Oromiyaarraa gara bosonaa seenan sababoonni gara bosonaatti akka seenan nu taasise jedhanii nuu kennanfi wanta amma ta’aa jiru dhaabbatanii ilaaluun dhimmicha bu’uurarraa hubachuuf kan gargaaru natti fakkaata.

👉Yeroo gara bosonaatti galan jedhamaa kan ture uummanni sababa eenyummaa isaan ni buqqa’a, ni ajjeeffama sana dhaabuu qabna, dhimmi daangaa bulchiinsaa deebii argachuu qaba yookaan maqaan qabsichaa dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu keenyaaf qabsaa’uu qabna kan jedhu ture.

👉Waggoottan darban keessa qabatamaan kan argine ammoo namni wayita mana isaatii bahu sodaatu, nagaan deebi’ee galuuf wabii tokko hin qabne, Dabramaarqoosi- Dajan rakkoo kan ta’e, qabeenyi isaa saamamu, jaarsoliin ajjeefaman, barsiisonni ukkaamfamaniifi ajjeefaman, uummanni Amaaraa ijoollee isaa barsiifachuuf rakkachaa akka turedha naannichatti arguu kan dandeenye.

👉Gaa’elli hin eebbifamne humnoonni kunneen diinota seenaa keenya waliin eegalan kun walaloo Kabbadaa Mikaa’el “hantuutni wayita quuftu fiigdee deemtee funyaan adurree fuunfatti” jedhu na yaadachiisa.

👉Humnoota kamiyyuu mufannaan as jiru gara diinota seenaatti kan isaan geesse amantaa irratti kan hin hundoofne gaa’ela hin eebbifamne waan ta’eef badiisa yoo ta’e malee misooma fiduu hin danda’u.

👉kun ammoo seenaa keenya kaleessaati. nama barachuu barbaadeef kaleessa tumsa humnoota kanneen waliin tureen Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf bulchaa kan turte galaana Diimaa dhabdee hidhamtuu Ji’oograafii kan taate hariiroo humnoota kanneen waliin tureen.

👉Inkirdaadonni keenya gaa’ela hin eebbifamne uumuun haalli addunyaa waliigalaa eeyyameefii dhaloota amma jiru qofa osoo hin taane badiin dhaloota hedduu gatii baasisu kan uumame.

👉Hariiroon humnoota kanneen waliin godhamu badii walfakkaataa fiduun ala Itiyoophiyaanotaaf faayidaa tokkollee hin fidu.

Abeel Nawaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment