Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC)- Qonnni jijjiirama bu’uuraa galmeessisuu irratti argama jedhan pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
0bbo Shimallis Abdiisaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin akka ibsanitti, jijjiiramni kun baldhina lafaa qofa osoo hintaane, beekumsa, oomishtummaafi qulqullinaan kan deeggarameedha.
Guutuun ergaa isaaniis kanatti aanee dhiyaateera:
“Qonnni keenya jijjiirama bu’uuraa galmeessisuurratti argama. Jijjiiramni kun baldhina lafaa qofa osoo hintaane, beekumsa, oomishtummaafi qulqullinaan kan deeggarameedha.
Inisheetiviin qamadii afraasaa lafa hkt. kuma 135 irratti misoomsinee callaa kunt. mil. 3 argachuun jalqabne, har’a gara sirna omisha baldhaafi jabaatti ce’aa jira. Bara darbe (2017/18) qofa lafa hkt. kuma 373 irratti misoomsuun callaa mil. 9.6’tti dhiyaatu arganne. Afraasaa bara kanaa (2018/19) ammoo lafa hkt. kuma 404’tti dhiyaatu qamadiin kan uwwisne yoota’u, callaa mil. 13 ol argachuuf karoorsineerra. Guddinni kun lakkoofsa qofa miti. Humni raawwachiisummaa mootummaafi dandeettiin gochuu qonnaan bultootaa qindoomaafi walsimaa dhufuu kan agarsiisuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, jijjiirama qonnaa guddina uwwisa lafaa waggaadhaa gara waggaatti muldhatuun madaaluurraa baheera. Xiyyeeffannoon keenya inni ijoon uwwisa lafaa baldhisuu qofa osoo hintaane, oomishtummaafi qulqullina guddisuudha. Fakkeenyaaf, karoorri oomishtummaa qamadii afraasaa keenya bara kanaa, giddugaleessa waggoota jahan darbanii irraa caalmaa %29.6 kan qabuudha.
Karoorri kun qilleensa irratti hinqophoofne. Gama tokkoon hojiilee beekumsa, teknoolojiifi fooyya’iinsa sirna hojimaataa irratti raawwachaa jirurraa madde. Gama kaaniin ammoo, humna jijjiiramaa dhugaa kan ta’an, fedhiifi cimina qonnaan bultoonni, dargaggoonniifi ogeeyyiin keenya agarsiisaa jiraniin kan utubameedha. Jalqabbii hanga ammaatiin, galiin maatii dabalaa jira; carraan hojii dargaggootaas baldhachuu irratti argama.
Haata’u malee, gama qamadii Afraasaas ta’ee misooma midhaan birootiin, galmi keenya inni dhumaa omisha dabaluun achitti, birmadummaa nyaataa mirkaneessuudha. Hirkattummaa al-galchii hirdhisuu, dandamannaa dinagdee keenyaa guddisuufi imala ofdanda’uu keenya qaarisuun ummataa keenyatti kabaja maluuf horuudha.
Walumaagalatti, oomishtummaa, qulqullinaafi badhaadhina maatii qonnaan bulaa irratti xiyyeeffachuun, ce’umsa caasawaa kan dhugoomsinu ta’a. Bu’uuruma kanaan, hoggansi, ogeessifi raawwataan keenya sadarkaan jiru, akka ergama addaatti fudhatee, milkaa’ina isaaf sabboonummaa olaanaan akka tarkaanfatu cimsee hubachiisuun barbaada.”