Alangee Dabarsuun Olitti: Sirna Itti Fufsiisuu…

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018(FMC)- Walharkaa fuudhinsi Alangaa Gadaa Sadeen Tuulamaa marsaa 71ffaan Alangee dabarsuun alatti sirna itti fufwiisuu dha jedhan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis sirna dabarsa Alangee Gadaa Tuulamaa 71ffaa ilaachisuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin uummata Oromoo maraa fi Tuulama sadeniin baga geessan jedhaniiru.

Ergaan isaaniis akka itti aanutti dhiyaateera:

Alangee Dabarsuun Olitti: Sirna Itti Fufsiisuu

Sirni tokko jaarraalee hedduu keessa darbee fulla’uu yoodanda’e, ciminni isaa namoota dhuunfaa irratti osoo hintaane dhaabbilee irratti bu’uureeffamuu agarsiisa. Har’a Arda Jilaa Dhaka Koraatti sirna walharkaa fuudhinsa Alangaa Gadaa Sadeen Tuulamaa marsaa 71ffaa irratti argamuun kiyya dhugaa kana irra deebi’ee nayaadachiiseera.

Waggoota saddeettan darbeef Abba Gadaa Meelbaa Goobana Holaa gaggeeffamaa kan ture Gadaan Tuulamaa har’a Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaaf Alangee dabarse. Goobana Holaa karaa duudhaafi seera Sirna Gadaa eegeen Alangee eebbisanii Gadaa Muudanaaf dabarsuun Yuboomanii jiru. Yuba Goobanaa Holaan baga ofkaltan, Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaan baga Gadoomtan jechuun barbaada. Akkasumas Tuulamni sadeeniifi ummanni Oromoo marti, baga ittiin isin gahe; baga geenye jechuun barbaada.

Sirna Gadaa keessatti Alangaan mallattoo aangoo qofa miti; mootummaa seeraan daangeffame, itti gaafatamummaa hawaasaafi aangoo yeroo murtaa’eef ummataan kenname bakka bu’a. Kanaaf Alangee dabarsuun meeshaa tokko harkaa gara harkaatti dabarsuu qofa osoo hintaane, amanamummaa, itti gaafatamummaafi aangoo hawaasaa dabarsuudha.

Seenaa sirna bulchiinsa dhala namaa keessatti rakkoo guddaan yeroo hedduu mootummaa hundeessuu miti; mootummaa itti fufsiisuudha. Aangoo qabachuun salphaa ta’uu danda’a; aangoo karaa nagaatiin dabarsuun garuu hojii ulfaataadha. Mootummoonni hedduun aangoo irratti wal lolan; sirnoonni hedduunis walharkaa fuudhinsa aangoo dhabuu irraa kan ka’e kufan. Rakkoon siyaasaa hedduunis gaaffii tokko irraa madda: mootummaa kana booda eenyutu mootummaa ta’a kan jedhu. Ummanni Oromoo garuu jaarraalee hedduu dura gaaffii kanaaf deebii tarsiima’aa kenneera. Deebiin sunis hangafa qaroomina bulchiinasa addunyaa kan ta’e Sirna Gadaati.

Sirni Gadaa aangoo nama dhuunfaatti hindhiisu; dhaabbatatti kuula. Nama caalaa seera, mootummaa caalaa sirna, yeroo mootummaa tokkoo caalaa itti fufiinsa hawaasaa irratti hundaa’a. Kanaaf abbaan Alangaa nijijjiirama; sirni nihafa. Namni nidarba; mootummaan seeraan qajeelfamu garuu itti fufa. Sirna Gadaa keessaatti aangoon yeroo dabru mootummaa nihaaromsa malee hinlaamshessu.

Sirni Gadaa seenaa keenya qofa miti; gumaacha keenya qaroomina sirna bulchiinsa dhala namaatiif taasifnedha. Kanaaf walharkaa fuudhiinsi Alangaa Gadaa Sadeen Tuulamaa marsaa 71ffaa kun itti fufiinsa aadaa qofa osoo hintaane, itti fufiinsa qaroomina siyaasaa ummanni keenya ijaaree dhalootaa dhalootatti dabarsaa dhufeeti.

Dhaka Koratti, Alangeen yoodabarfamu sirnoonni hedduun walduraa duuban taasifamaniiru. Guyyaa Sirni Axxaarrii Ardaa Jilaa qulqulleessuun raawwatamee amma Alangeen Meelbaa irraa Muudanaatti dabartuutti.

Sirna kanarratti foolleefi luboonni nidhiichisu; nitaphatu. Yeroo kana sadarkaaleen gadaa dabballee irraa amma gadamoojjitti faaruufi dhiichisa ittiin aangoo kanaaf beekamtii kennan mataa isaanii qabu. Ittimakoon ”Hoo yaa Itti makoo! Jabbilee loonitti makee” jedhee sirba. Dabballeenis dabareen “Dabbballee daabboo! Yaa Dabballee Afaan Aannanii Oolchaan Siglaa!” jechuun wal harkaan fuudhun dhiichisu. Warri Kuusaas gamanaan ”Yaa foollee roobaa! Birbirsi daraaree yaa foollee! Lubatu nawaamee- yaa foollee! jechaa dhiichisu.

Warri Alangee kennus jalaa qabuun:
“Wayyaa luba koo Ofkali!…
Wayyaa luba koo Ofkali! Ofkoli!
Caaccuudhaa!! Caaccuudhaa!
Qomeen dubraa Caaccuudhaa!
Baccuudhaa jechuun hawwii qaban ibsu!”

Kun ammoo waan tokko ifatti muldhisa. Oromoon abbaa qaroomina dimokraasii hangafaati; sirni walharkaa fuudhinsa Alangaa kunis, dimokraasiin Oromoo kitaaba seenaa keessa qofa osoo hintaane, qabatamaan lafarra lubbuun jiraachuu isaa mirkaneessa. Dimokraasiin ummata keenyaaf yaada alaa irraa ergefatame miti; muuxannoo seenaa, duudhaa mootummaafi falaasama jireenya keessatti dagaageedha.

Sirni kun Arda Jilaa Dhaka Koraatti gaggeeffamuun isaa hiika seenaa addaa qaba. Bakki kun yeroo dheeraaf hacuuccaa, saamicha, buqqa’iinsaafi dhiibbaa ummata Oromoo irratti raawwatamaa ture keessatti yaadatamaa ture. Haata’u malee, seenaa keessatti hiikni iddoo tokkoo akkuma turetti hinhafu. Hawaasni nijijjiirama; yeroon nijijjiirama; hiikni bakkaas nijijjiirama.

Bakki yeroo tokko hacuuccaafi ukkaamsa Oromummaa keessatti yaadatamaa ture, har’a qaroomina siyaasaa Oromoo addunyaatti agarsiisuuf waltajjii ta’eera. Kun sirna tokko kabajuu qofa miti; hiika seenaa jijjiiruudha. Gadaa irraa gara Gadaa biraatti ce’uu qofa osoo hintaane seenaa irraa gara egereetti ce’uudha.

Sirni Gadaa hambaa qofa miti. Inni falaasama mootummaa, sirna bulchiinsaa, mala araaraa, mana barnoota siyaasaafi kuusaa beekumsa ummata keenyaati. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Sirna Gadaa akka hambaatti qofa osoo hintaane akka humna jiraataa har’aafi egeree Oromoo qajeelchuutti ilaala. Bu’uuruma kanaan ardaalee Gadaa eeguufi misoomsuu, duudhaa mootummaa keenya bakkatti deebisuu, beekumsa keessatti kuufame dhalootaaf dabarsuufi eenyummaa Oromoo yeroo waliin tarkaanfatu ijaaruuf hojii baldhaan hojjetamaa jira.

Barnoonni guddaan Sirni Gadaa nu barsiisu keessaa tokko aangoon mootummaa kan dhuunfaa osoo hintaane amanamummaa ummataati kan jedhuudha. Amanamummaan kun ammoo yeroo hundumaa seeraan, duudhaanifi wal kabajuun dabarfamuu qaba. Kanaaf walharkaa fuudhiinsi Alangaa har’aa seenaa kaleessaa yaadachuu qofa miti; egeree Oromoo itti fufiinsa dhaabbataa, seeraa fi mootummaa ummataa irratti ijaaramu mirkaneessuudha.

Sirni Gadaa ALA, bara 2016 irraa kaasee Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aaadaa (UNESCO)’tiin, bakka bu’aa Hambaa Kiliyaa Dhala Namaa ta’uun galmaa’ee jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa garuu Sirna Gadaa dhimma dhaala hambaatii olitti hubata. Aadaan keenya, hammattoo eenyummaa, diraa jabeenyafi tarkaanfii fooyya’iinsa ummata ta’uu hubata. Dhaalli aadaa, hambaa eegamu qofa osoo hintaane, humna jiraataa har’aafi egeree sabaa bocu akka ta’etti amana.

Galmoota Mootumma Jijjiiramaa keessaa tokko aadaa, duudhaafi eenyummaa ummata Oromoo ganamaa dagaagsuufi tiksuun sirna cimaa ijaarudha. Bu’uuruma kanaan mootummaan haaromsa aadaa labsuun, Aadaa, qaroominaafi duudhaa Oromoo jaarraa darbe keessa dhiibbaa keessoofi alaatiin dagatamaa, dabaafi humna dhabuun jijjiirrama hinmalleef saaxilaman, akkasumas sonni isaanii mulqamee ture, iddoofi humna isaanii ganamaatti deebisuuf kaayyeffatee hojjataa jira.

Haaromsa Aadaa Oromoo ilaalchisee tarkaanfiiwwan gulantaa sadiin haammatamaniin gaggeeffamaa jiran keessaa shaakalliiwwan aadaafi duudhaa ummataa hanga yoonaa harca’anii hafan bakkatti deebisuu, qorachuu, beeksisuu, misoomsuufi gulantaa itti aanuuf qopheessuudha. Kunis ardaalee jilaa misoomsuufi kan dagataman qorachuu kan dabalatuudha. Kanaafis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa “Arda Jilaa Dhaka Kora” akka duudhaafi aadaa ummatichaa eeggatetti misoomsuufi tiksuuf waadaan kan gallu ta’a.

Dhumarrattis, Oromoon bakka kamuu haa jiratu tokkummaa isaa eeggachuuf eenyummaasaa kan ta’e aadaafi qaroomina isaa eeguu, ittiin jiraachuu, akkasumas dhaloota dhufuuf dhaalchisuu akka qabu dhaamaa, irradeebiin Tuulama Sadeenifi ummata Oromoo maraan baga gammaddan jechuun barbaada.

Gadaan quufaaf gabbina!
Gadaan Muudanaa milkiidha!

Comments (0)
Add Comment