Finfinnee, Waxabajjii 8, 2018(FMC)- Weellisaa Sammaanyi Balaw dhibee isa mudateen yaalamaa turuun guyyaa har’aa addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
Weellisaa Sammaanyi Balaw hojiiwwan muuziqaa aadaa fi qabiyyee garaagaraa qaban dhaggeeffattootaafi daawwattootaaf gumaacheera.
Weellisaan kun bultii kan qabuufi abbaa ijoollee afurii akka ture Faanaa Diijitaal maatii isaarraa odeeffateera.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin maatii, firoottaniifi dinqisiifattoota isaaf jajjabina hawwa.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia