Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018(FMC)- Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 gaggeessuuf qophii gahaan taasifameera jedhan Biiroon Barnootaa naannolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz.
Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Kaasahuun Galaanaa, naannichatti barattoonni kuma 100 fi kuma 80 ta’an qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa akka fudhatan ibsaniiru.
Qabxii barattootaa fooyyessuuf manneen barnootaa kuma 1 fi 406 keessatti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuus eeraniiru.
Baatii Fulbaanaa irraa eegalee gosoota barnootaa kutaa 9ffaa hanga 12ffaa jiran irratti barnoonni dabalataa kennamaa turuu ibsaniiru.
Naannichatti qormaaticha guutummaatti karaa oonlaayinii kennuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Naannoo Beenishaangul Gumuzittis bara kana barattoonni kumni 7 fi 679 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa Dooktar Tamasgeen Disaasaa ibsaniiru.
Qormaaticha milkaa’inaafi amanamummaan gaggeessuuf giddugaloonni qormaataa 2 turan gara 18’tti guddifamuu eeraniiru.
Dabalataanis naannichatti barattoota qormaaticha fudhatan keessaa kumni 4 fi 999 karaa oonlaayinii akka fudhatan ibsan.
Kanaafis qophiin taasifamuu Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Barattoonni qormaaticha fudhatan guyyoottan hafanitti qophii barbaachisaa akka taasisan hoggantoonni kunneen yaadachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia