Riyaal Maadriid waliigaltee Viniishiyas Juuniyar waliin qabu hanga bara 2032tti dheeresse

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Kilabni Ispeen Riyaal Maadriid taphataa sarara fuulduraa Biraaziil, Viniishiyas Juuniyar waliin waliigaltee qabu hanga Waxabajjii bara 2032tti akka dheeresse ifoomseera.

Viniishiyas Juuniyar umurii isaa waggaa 18 tti Adoolessa bara 2018 Riyaal Maadriiditti erga makamee booda, waggoota saddeet kilabicha keessatti dabarsetti taphoota 375 irratti hirmaachuun galchiiwwan 128 galcheera; waancaa 14 olis injifateera.

Torbanoota muraasa darban keessatti miidiyaaleen hedduun Viniishiyas Juuniyar gara kilaba Ingilizii Arseenalitti makamuu akka danda’u gabaasaa turuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment