Rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Afrikaa hojiilee misoomaa magaalaa Adaamaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC) –Rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Afrikaa Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa jalqabaarratti hirmaatan hojiilee misoomaa magaalaa Adaamaa daawwataniiru.

Abbootiin Gadaa fi bulchiinsi magaalichaa akkaataa aadaa simannaa keessummaa ummata Oromoon rogeeyyii kanneen simatamaniiru.

Duudhaalee aadaa fi hojiilee misoomaa magaalichaa daawwachuun dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaan miidhagduu fi bifa Afrikaa kan mul’istu ta’uu ibsan.

Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa,”Pulse of Africa” fi AGA Tek Intarpiraayiziin qindaa’e magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Kaayyoon yaa’ichaas Dhiibbaa uumtoota itti gaafatamummaa beekan jajjabeessuu, Dinagdee dijitaalaa ardittii cimsuu, Walta’iinsa uumuu fi galma Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa milkeessuu, Afrikaan seenessa ishee ofiin akka ijaartu, ilaalcha ardittii irratti qabamu guddisuu fi eenyummaa Afrikaa uumuudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment