Sa’aatii 24 keessatti dooniiwwan 25 Ulaa Hormuz keessa dabran – Iraan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Humni Eegduu Warraaqsaa Iraan sa’aatii 24 dabran keessatti dooniiwwan daldalaa 25 Ulaa Hormuz keessa darbuu beeksise.

Humni Galaanaa Eegdichaa akka ibsetti; dooniiwwan daldalaa ulaagaalee to’annoo fi nageenyaa Iraan keesse guutan Ulaa Hormuz keessa daddarbaa jiru.

Kanneen boba’aa fi meeshaalee fe’an dabalatee, walumaagala dooniiwwan daldalaa 25 guyyaa tokko keessatti ulaa kana keessa darbuu eeruun; to’annoon Iraan ulaa kanarratti geggeessaa jirtu itti fufuu ibseera.

Israa’el fi Ameerikaan tarkaanfii fudhachuu hordofuun, Iraan Bitootessa bara 2026 irraa eegalee Ulaa Hormuz guutummaatti cuftee akka turte ni yaadatama.

Gabaasi Pirees Tiivii akka agarsiisutti; to’annoo Eegduun Warraaqsaa Iraan Ulaa Hormuz keessatti geggeessaa jiruun dooniiwwan Raashiyaa fi Chaayinaatiif dursi kennameera.

Faallaa kanaan dooniiwwan biyyoota michuu Iraan hin taane irratti qoqqoobbii dabalatee sakatta’iinsi biroon geggeeffamaa jira.

Keessattuu, Eegdonni Warraaqsaa dooniiwwan diinota Iraan fi kan biyyoota michoota isaanii ta’anii abbaa qabeenyummaa fi sarara quunnamtii isaanii sakatta’uu dabalatee, qabiyyee fe’umsa isaanii irratti sakatta’iinsi akka geggeeffamu ibsameera.

To’annoo Iraan hordofuun, Dhaabbileen dooniiwwanii idil-addunyaa nageenya Ulaa Hormuz mirkaneeffachuuf kophaatti Iraan waliin mari’achaa jiru.

Mikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment