Sagantaaleen fayyummaa daa’immanii fooyyessan ijaarsa dhalootaaf wabiidha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Sagantaaleen fayyummaa daa’immanii fooyyessan ijaarsa dhalootaaf wabiidha jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.

Sagantaan jalqabsiisa Yaa’ii ijoollummaan duraa idil-addunyaa gaggeeffameera.

Obbo Tamasgeen Xurunaan wayita kana misoomni ijoollummaan duraa hammattoo seeraafi imaammataan deggaramee hojjetamaa jira jedhan.

Mootummaan badhaadhina mirkaneessuuf guutuu biyyattiitti bifa qindaa’een misooma ijoollummaan duraa babal’isuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.

Mootummaan sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun, sagantaa nyaata barattootaa babal’isuun, ijoolleen qaamaafi sammuun akka guddataniif iddoowwan bashannanaafi Ispoortii babal’isuun, gama misooma kooriidariin magaalonni ijoolleef mijatoo akka ta’an gochuun qooda olaanaa bahachaa jira jedhan.

Kana malees sirna nyaataa fooyyessuun karaa Waadaa Saqoxaa roodmaappiin waggoota 15 qophaa’ee bara 2022’tti quucarummaa daa’imman waggaa 2 gadii irra gahu zeeroorraan gahuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Haala Waadaa Saqoxaa waliin walsimuu danda’uun indaastiriiwwan oomishaa keessatti nyaatawwan badhaadhan oomishuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment