Sagantaan cufiinsa tapha Goobee fi Shinooyyee sadarkaa magaalaa Shaggaritti gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Sagantaan cufinsa tapha Goobeefi Shinooyyee sadarkaa Magaalaa Shaggaritti agarsiisa feestivaalaan raawwatameera.

Sagantichi qeerroowwaniifi qarreewwan kutaalee Magaalaa Shaggar hirmaachisuun kutaa Magaalaa Sabbataatti haala hawwataa ta’een gaggeeffameera.

Shaggar Magaalaa Aadaa,duudhaafi eenyummaa Uummata Oromoo dagaagsuuf kaayyeffatee hojjechaa jirtudha jedhan Kantibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Kunis guddina dinagdeefi tokkummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeran.

Dargaggootnis sagantaa kanaan Aadaafi eenyummaa Uummataa agarsiisuun cinatti aadaa dhaloota itti aanuuf dabarsuuf akkasumas agarsiisa sadarkaa Oromiyaatti gaggeeffamu milkeessuuf hojjechuu akka qabanis dhaaman.

Shaggar Magaalaa calaqqee Aadaa,duudhaa, eenyummaafi siidaa Uummata Oromoo ta’uu kan himan Itti Aanaan kantiibaafi qindeessaa kilaastera dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloon, Aadaa, duudhaafi eenyummaa Uummata Oromoo caalmaatti dagaagsuufi beeksisuuf hojjetamaa jiraachuus kaasuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment