Boqonnaa Haaraa Imala Badhaadhinaa Ummata Tigraayiif

Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2019 (FMC) – Yeroo ammaa ummanni Tigraay hariiroo cimaa ummatoota obboloota isaa Itiyoophiyaa biroo waliin qabu cimsatee itti fufuun, nageenya, olaantummaa seeraa fi guddina waloo mirkaneessuuf imala boqonnaa haaraa ifatti jalqabeera.

Waggoota darban gareen seeraan alaa ABUT fedhii aangoo isaa eegsifachuuf ummata Tigraayiin waraanaa fi rakkoo nageenyaaf saaxilaa tureera.

Mootummaan Federaalaa fi jaarsoliin biyyaa miidhaa rakkoon kun geessisu hubachuun irra deddeebi’anii harka nageenyaa diriirsanis, gareen seeraan alaa ABUT waamicha nageenyaa fudhachuu hin barbaanne.

Waliigaltee Piriitooriyaa booda gareen kun carraa nageenyaa fi marii isaaf kenname sirnaan itti hin fayyadamne.

Waamichi araaraa, nageenyaa fi misooma waloo ummanni Tigraay maraammartoo waraanaa fi walitti bu’iinsaa baroota darbanii keessaa ba’ee gara seenaa boqonnaa haaraatti akka ce’uuf furtuu guddaa ta’eera.

Qabiyyeen ijoo Waliigaltee Piriitooriyaa dhukaasa dhaabuu, tajaajiloota hunda deebisanii hojii jalqabsiisuu, hidhannoo hiikuu fi hidhattoota gara jireenya idileetti deebisuu, buqqaatota gara qe’ee isaanii deebisuu, akkasumas sirna heera mootummaa fudhachuu kan hammatu ture.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad afaan Tigireen turtii taasisaniin, “Nuti gama keenyaan wantoota gochuun nu irraa eegamu hunda raawwanneerra. Gareen seeraan alaa ABUT garuu hidhannoo hiikuu mannaa meeshaalee waraanaa bitachuu fi kadhachuurratti bobba’eera” jedhaniiru.

Hidhannoo hiikuu fi hidhattoota gara jireenya idileetti deebisuu mannaa dargaggoota gurmeessuu fi humnaan qabuu irratti bobba’uu ibsuun, buqqaatota akka meeshaa dhiibbaa uumuutti fayyadamuudhaan gara qe’ee isaanii akka hin deebine taasiseera jedhaniiru.

Gareen seeraan alaa ABUT gorsa isaanii dhaga’uu diduun, humnoota badiisaa waliin hiriiruun waraana bu’aa hin qabne labsuu isaa kan yaadachiisan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, karaa dogoggoraa kanaan waliigalteen Piriitooriyaa akka fashalaa’u taasifameera jedhaniiru.

Waamichi nageenyaa biyyaalessaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy dhiyeessan, garaagarummaa dirree waraanaa irratti osoo hin taane marii fi marabbaan waliigaltee irra ga’uun furuun, ummanni Tigraay tokkummaa cimaa ummatoota obbolootasaa biroo Itiyoophiyaa waliin qabu deebisee mirkaneeffachuuf carraa guddaa kan uumuu dha.

Yeroo ammaa hawaasni naannichaa waraanni haa dhaabbatu jechuun, obbolootasaa uummatoota Itiyoophiyaa waliin guddachuu akka barbaadu ibseera.

Ummanni Tigraay sochii misoomaa saffisaa naannolee biyyattii biroo keessatti mul’atu, babal’ina bu’uuraalee misoomaa fi guddina dinagdee naannoo Tigraay keessattis arguu barbaada.

Boqonnaan haaraan kun dargaggoonni Tigraay qoraan walitti bu’iinsaa ta’uu irraa gara qaamolee kalaqaa, misoomaa fi ijaarsa biyyaatti shoora olaanaa qabanitti akka ce’an carraa uuma.

Mootummaan ammas qaamoleen yaada boodatti hafaa garee kanaan dogoggoranii waraana hinbarbaadamne keessa seenan gara karaa nagaatti deebi’anii hidhannoo isaanii Raayyaa Ittisaa naannawa isaanii jirutti kennuun Wiirtuuwwan Haaromsaa fi Deebisanii Dhaabuu qophaa’an akka seenan waamicha dabarseera.

Kana hordofees hidhattoonni hedduun waamicha nagaa kana fudhatanii gara wiirtuuwwan kanneenii seenaa akka jiran ragaaleen adda addaa ni mul’isu.

Kanneen hafanis gara daandii nagaatti dhufuun imimmaan haadholii isaanii akka haqanii fi boqonnaa imala badhaadhinaa haaraa naannichi eegale akka milkeessaniif yeroon filatamaan amma!

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment