Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Sagantaan Maaddii guutuu tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu cimsaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaan, bu’aalee sagantaa maaddii guutuun waggoottaan shanan darban keessa argaman ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Sagantichi oomishaa fi oomishtummaa dabaluun bu’aa qabatamaa galmeessuun ibsan.
Kanaanis sadarkaa maatiitti itti fayyadamni bu’aalee oomisha beelladaa fooyya’uu kaasan.
Wabii nyaataa mirkaneessurra darbee qonnaan bultootaa fi qaamolee qonna magaalarratti hirmaataniif galii dabalataa ta’uun diinagdee maatii guddisaa jiraachuu dubbatan.
Yeroo ammaa aannan liitirri biiliyoonni 15.2 ol oomishamaa jiraachuu himan.
Bara oomishaa 2018 Fooni Qurxummii Tooniin kumni 200 fi kumni 70 ol, cuuciwwan miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 84 dhiyaachuu, Dammii Tooniin kumni 400 fi kumni 28 ol oomishamuu dubbatan.
Waliigalaan sagantaan maaddii guutuu tattaaffii biyyattiin wabii nyaataa mirkaneessuuf taasisaa jirtu akkaan tumsuu eeran.
Gizaachoo Girmaayeetiin
#Oromia #Ethiopia