Finfinnee,Waxabajjii 6, 2018 (FMC) – Godina Jimmaatti Shaampiyoonaan tapha Kubbaa Miilaa bulchiinsa magaaloota 33 hirmaachise eegalameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godina Jimmaa obbo Nagumaa Makonniin, kaayyoon dorgomichaa dargaggoota gahumsa qabaniifi godinaafi naannoo bakka bu’an horachuudha jedhan.
Gareen shaampiyoonaa ta’u dorgommii sadarkaa naannootti gaggeeffamurratti hirmaata jedhan.
Dargaggoota qaamaa fi sammuun gahooman, akkasuma araada irraa bilisa ta’n horachuuf aanaalee hunda keessattii bakki oolmaa dargaggootaa ijaaramaa jiraachuu Ittaanaa bulchaan Godina Jimmaa obbo Yesuuf Shaaroon ibsaniiru.
Shaampiyoonaan kun guyyoottaan 15’n itti aananiif gaggeeffama.
Tasfaahuun Kabbadaatiin.
#Oromia #Ethiopia