Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Sona gabaa hojii sirna dijitaalaan haala bu’a qabeessa ta’een ammayyeessuun carraan hojii fi hojjetaa salphaatti walitti fidu uumame jedhe Ministeerri Hojii fi Ogummaa.
Appilikeeshiniin Diijitaalaa Ministeerri Hojii fi Ogummaa fi Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa waloon gabbisan kan kan hojii fi hojjetaa haala salphaan walitti fidu ‘faliguulinyi’ jedhamu ifoomeera.
Tarkaanfiiwwan fooyyessa filannoo dijiitaalaa carraa hojii uumuu lammiilee guddisan hojiirra oolaa jiru jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Appiliikeeshiniin haaraan kun hojii fi hojjetaa haala salphaan kan walitti fidu, lammiileen ogummaa qabaniin carraa hojii jirutti akka fayyadaman kan gargaaru ta’uu ibsan.
Appilikeeshinichi beekumsa teeknooloojii mandhaleen kan kan misoomee fi nageenummaan isaa kan eegame ta’uu Daayrekterri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigisti Hamiid dubbataniiru.
Fayyadamummaa lammiilee caalmaatti mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia