Sirni awwaalchaa Ayaatolaahii Alii Kameenii boruu eegalee raawwatama

Finfinnee,Waxabajjii 26, 2018 (FMC) – Sirni awwaalchaa hogganaa Waliigalaa duraanii Iraan Ayaatolaahii Alii Kameenii boruu eegalee guyyoota jahaan itti aananiif ni raawwatama.

Sirna awwaalchaa kanarratti namoonni miiliyoonni 20 olii fi bakka buutoonni hoggantoota biyyoota 100 olii ni argamuun eegama.

Haala kanarratti Ameerikaa fi Israa’eel haleellaa kamiiyyuu raawwatan taanaan deebii cimaan kan isaan eeggatu ta’uu Teehiraan akeekkachiifte.

Wayita kana haleellaa raawwachuuf yaaluun deebii hamaa ta’e kan hordofsiisu ta’uu Ajajaa olaanaan waraana giddugaleessaa Iraan Alii Abdullaahiin dhaadachuu ‘Al Jazeera’n gabaaseera.

Ayaatolaahii Alii Kameeniin waraana Ameerikaa fi Israa’el waloon Iraanirratti bananiin Baatii Guraandhalaa keessa kan ajjeeffaman yoo ta’uu, waggootan 36’n darbaniif biyyattii dursaniiru.

‎ ‎#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment