Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Sirni Diijitaalaa haaraan ittigaafatamummaa ragaarratti hundaa’e guddisa jedhan Daayrekterri Olaanaan Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Inistiityuutii Hubannoo Namtolchee waliin ta’uun kan misoomse Teeknooloojii Sirna to’annoo fi Bulchiinsa Miidiyaa qindaa’aa eebbiseera.
Sirni dijitaalaa haaraan kun oduu sobaa fi tamsaasa seeraan alaa to’achuun itti gaafatamummaa seeraa ragaarratti hundaa’e mirkaneessa jedhan Ambaasaaddar Reedwaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Waliigaltee waloo uumuun hariiroo miidiyaalee fi dhaabbilee to’attootaa gidduu jiru kan cimsu ta’uu eeran.
Hanqina hojmaataa damichaan ture furuun sirna diijitaalaa mirkaneessa jedhan.
#Oromia #Ethiopia