Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan biyya Galaana Diimaa qooddattu ta’uuf mirga guutuu qabdi jedhan Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud.
Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud turtii Al Arabiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne ta’uu eeranii, kallattii Galaana Diimaan wal daangessuu baattus biyya Galaana Diimaa qooddattu ta’uuf mirga qabaachuu eeraniiru.
Haaluma Kanaan bu’uura seera bishaanii idil-addunyaan Itiyoophiyaan biyya Galaana Diimaa qooddattu ta’uu qabdi jedhaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa