Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyya Galaana Diimaa qooddattu ta’uuf mirga guutuu qabdi- Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud

Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan biyya Galaana Diimaa qooddattu ta’uuf mirga guutuu qabdi jedhan Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud.
 
Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud turtii Al Arabiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne ta’uu eeranii, kallattii Galaana Diimaan wal daangessuu baattus biyya Galaana Diimaa qooddattu ta’uuf mirga qabaachuu eeraniiru.
 
Haaluma Kanaan bu’uura seera bishaanii idil-addunyaan Itiyoophiyaan biyya Galaana Diimaa qooddattu ta’uu qabdi jedhaniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.