‘Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ aadaa hojii haaraa Indaastirii ijaaraa jira- TKM

Finfinnee, Ebla 25, 2018 (FMC) – Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu aadaa hojii haaraa Indaastirii ijaaraa jira jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi ‘sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ ilaalchisee ibsa baaseen, Lammiileen damee indaastirii irratti bobba’an ulaagaalee to’annoo fi qulqullina sadarkaa idil addunyaa, itti fayyadama yeroo fi dandeettii hogganummaa tarsiimawaa gonfachaa jiraachuu ibseera.
Sadarkaa hojii gadii irraa ka’uun dhaabbilee idil addunyaa keessatti hanga sadarkaa murtee dabarsuu kan qaqqaban dargaggoonni, oomisha gaarii Itiyoophiyaan gabaa addunyaaf dhiyeesituufi qabeenya namaa qabaachuu mirkaneessaa jirti jedhe.
Sosochiin ‘Itiyoophiyaan Haa oomishtuu’ yaadama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eegalame yoo ta’u, warshaalee 830 irra deebiin hojiitti galchuun, omisha alaa galu doolaara biiliyoona 4.85 bakka busuun akkasumas gabaa alaatti erguun doolaara miiliyoona 433 argamsiisuun, bu’aa ceumsa indaastirii aja’iibaa galmeessiseera jedhe.
Mootummaan Itiyoophiyaa sosochii ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ wayita eegalu, kaayyoon isaa omisha dabaluu fi sharafa alaa hambisuu qofa akka hin turre hime.
tilmaama diinagdee kanneenirra darbee, milkaa’inni olaanaa fi tarsiimawaan,Itiyoophiyaa madda beekumsaa fi dandeettii kan taasisu qabeenya human naarratti ta’uu Tajaajilichi beeksiseera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment