Tajaajila Mul’ata Ida’amuu Irraa Madde

Finfinnee, Onkoloolessa 22, 2019 (FMC) – Kaayyoo ijoon falaasama Ida’amuu keessaa tokko tajaajila mootummaa ammayyaa’aa, saffisaa fi iftoomina qabu kennuu dha.

Mootummaan Ida’amuu lammiileen tajaajila mijataa, saffisaa fi rakkina irraa bilisa ta’e akka argataniif fooyya’iinsa caasaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffate hedduu geggeesseera.

Bu’aan fooyya’iinsa kanaan argame tajaajila mootummaa gara sadarkaa guddinaa haaraatti ceesisuu danda’eera.

Carraawwan tajaajila mootummaa ammayyeessuuf dandeessisan keessaa Tarsiimoon Itiyoophiyaa Dijiitaalaa gahee olaanaa qaba.

Kaffaltiin tajaajiloota adda addaa karaa filannoowwan kaffaltii dijiitaalaa, kanneen akka Telebirr, CBE Birrii fi sirna baankii toora interneetii irratti hundaa’een akka raawwatamu gochuun yeroo fi baasii baay’ee hir’iseera.

Tajaajiloota bakka tokkootti walitti qabuu fi adeemsa hojii salphisuun hojiiwwan ijoo biroo hojjetaman keessaa ti.

Tajaajilli Giddugala Tokkoo Bara 2017 irraa eegalee hojiirra oolaa jiru, rakkina lammiilee hir’isuun tajaajilli saffisaa akka qaqqabu haala mijataa uumeera.

Yeroo ammaa kana naannolee biyyattii garaagaraatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Misoob hojii jalqabuun dhimmoonni turtii dheeraa fudhachaa turan yeroo gabaabaa keessatti akka furamaniif carraa uumeera.

Hayyama daldalaa baafachuu fi haaromsuu akkasumas adeemsi hayyama invastimantii karaa sirna toora interneetiin akka raawwatamu taasisuun, invastarootaa fi daldaltoonni bakka jiran taa’anii hayyama argachuu akka danda’aniif sirni diriirfameera.

Itiyoophiyaan waggoota darban keessatti mul’ata Ida’amuu jalatti fooyya’iinsa kenniinsa tajaajilaa jalqabde, bulchiinsa mootummaa ammayyaa’aa, teeknooloojiin durfamuufi lammiilee giddugaleessa godhate ijaaruuf bu’uura amansiisaa kaa’eera.

Adeemsi hojii karaa fooyya’iinsaa qabameen caalaatti cimee yoo itti fufe, tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu guutummaatti mirkaneessuun yeroo dhihoo keessatti Itiyoophiyaa dameewwan hundaan badhaate dhugoomsuun ni danda’ama.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment