Finfinnee, Waxabajjii 26, 2018 (FMC)- Tajaajilli giddugala tokkoo Sadarkaa Federaalaa fi Naannoleetti hojii eegalan tajaajiloota kuma 3 ol lammiileef kennaa jiru jedhan Komishinarri Komishinii Siviil Sarviisii Dooktar Makuriyaa Hayilee.
Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Humna Namaa fi Bobbii Hojii fi Teeknooloojii raawwii karooraa Komishinii Siviil Sarviisii bara 2018 gamaaggameera.
Wayita kanatti Dooktar Makuriyaa Hayilee, dhaabbanni isaanii bara baajatichaatti caasaa Mootummaa ammayyeessuun humna namaa gahuumsa qabu ijaaruuf hojiilee rifoormii hedduu hojiirra oolchuu kaasaniiru.
Tajaajila teeknooloojiin deeggarame waliingahuuf federaalaa fi naannoleetti Tajaajila Giddugala tokkoo babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan giddugaloota hojii eegalan 37 keessatti taajiloonni kuma 3 fi 300 adda baafamanii lammiileef dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.
Walitti Qaban Koree Dhaabbichaa Dooktar Nagarii Leencoo yaada kennaniin, lammiileen bakka jiranitti humnaa fi qabeenyaa osoo hin qisaasesiin tajaajila barbadaan akka argatan taasisuuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhan.