Finfinnee, Ebla 18, 2018 (FMC)- Sagantaa tapha itti-guutinsaa torbee 20ffaa CBE piriimer liigii Itiyoophiyaan Qiddus Giyoorgisiifi Bunni Itiyoophiyaa har’a ni taphatu.
Taphichi har’a sa’aatii 9 irratti istaadiyeemii Finfinneetti taphatama.
Bunni Itiyoophiyaa qabxii 38’n Sadarkaa 7ffaa yoo qabatu,Qiddus Giyoorgis ammoo qabxii 35’n sadarkaa 10ffaa irratti argama.
Bunni Sidaamaa qabxii 54’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 44’n itti aana.
Nageellee Arsii qabxii walfakkaataa 44’n galchiin caalamee sadarkaa 3ffaa, magaalaan Hawaasaa ammoo qabxii 43’n sadarkaa 4ffaa qabataniiru.
Galchii lakkoofsisuunis, Abeel Yaalew galchii 14’n liigicha yoo dursu, Addis Giday galchii 10’n itti aanee jira
#Oromia #Ethiopia