Finfinnee,Waxabajjii 6, 2018 (FMC) – Taphataan Kilaba Noorwiich Siitii Alii Ahimad Waancaa Addunyaa 23ffaarratti Garee Biyyaalessaa Kaanaadaaf taphataa jira.
Alii Ahimad Magaalaa Tooroontootti dhalatee guddate.
Maatii Itiyoophiyaa Godina Harargee Lixaa Baddeessarraa gara Kaanaadaa deemanirraa dhalate.
Amma umriin isaa waggaa 25 ta’eera.
Alii Ahimad Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaa bakka bu’uun tapha eda Kaanaadaa fi Boosiniyaa Heerzeegooveeniyaa gidduutti gaggeeffamerratti hirmaatera.
Aliin badhaasa Kaanaadaan qophaa’u dargaggeessa lafaa dhufaa abdii kubbaa miilaa gara fuulduraa jedhamuun badhaafamee ture.
Taphataan sarara gidduu kun yeroo ammaa Kilaba Kubbaa Miilaa Shaampiyoon Shiippii Ingilaandi Noorwiich Siitii keessatti lakkoofsa 21 uffatee taphata.
Bara kana taphoota 19 kilabichaaf taphateen galchiiwwan 4 lakkoofsisuun, Kubbaawwan galchii ta’an 3 mijeessee kenneera.
Alii Ahimad baatii Amajjii keessa jijjiirraan kan Noorwiich Siitiitti makame.
Bara Faranjootaa 2023 irraa kaasee Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaaf filamee taphataa jira.
Edas jijjiiramee seenuun ga’umsa mul’iseen dinqisiifannaa olaanaa argateera.
Tapha kanarratti ‘Cyle Larin’tti aanee taphataa ga’umsa olaanaa agarsiise ture.
#Oromia #Ethiopia