Finfinnee, Adooleessa 24, 2018 (FMC) – Taphataan duraanii kilabii AC Milan Firaankoo Baareezii, umurii waggaa 66tti addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
Firaankoo Baareezii bara Faranjootaa 1982 irraa eegalee hanga 1994tti garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Xaaliyaaniif taphateera. Yeroo kana keessatti taphoota 81 biyya isaa bakka bu’uun taphateera.
Baareeziin bara 1982 garee biyyaalessaa Xaaliyaanii waliin Waancaa Addunyaa injifachuun ni yaadatama.
Waggoota 20 guutuus AC Milan akka tajaajile seenaan isaa ni mul’isa.
Kana keessaa waggoota 15f ammoo dursaa garichaa ta’uun hoogganeera.
Yeroo AC Milan keessa turetti, waancaa Chaampiyeensi liigii Awurooppaa fi ‘Serie A’ dabalatee waancaa hedduu injifateera.