Taphni har’a Naappooliin Arsenaal, Liiverpuul ammoo Atileetikoo Maadriid keessummeessan ni eegamu

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Naappooliin Arsenaal, Liiverpuul ammoo Atileetikoo Maadriid keessummeessan ni eegamu.

Har’a galgala sa’aatii 1:45 eegalee Baarseloonaan – Feyenoord, Istuutgaarti ammoo Viking waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 eegalee Naappooliin – Arsenaal waliin taphata.

Kilaboonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 5 keessaa Arsenaal yeroo 3 yoo injifatu, Naappooliin ammoo si’a 1 injifachuun tapha tokko qabxii qooddataniiru.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Liiverpuul Atileetikoo Maadriid keessummeessa.

Taphoota kana dura waliin taphatan 11 keessaa si’a afur afur wal injifachuun, taphoota 3 ammoo qabxii qooddataniiru.

Taphoota biroon PSG – Slovan Bratislava, Ispoortiingi – Gaalaataasaraay waliin morkiin taasisan ni eegama.

Taphoota marsaa jalqabaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kaleessa eegalameen, Riyaal Maadriid galchii 2 fi 1’n Intermiilaan, Maanchiister Siitiin galchii 2 fi 0’n Poortoo, Astoon Viilaan galchii 3 fi 2’n Kilab Biruuj, akkasuma Booriishiyaa Doortimandi galchii 3 fi 2’n Viilaariyaal injifachuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment