Buna Itiyoophiyaa 0 – 3 Nageellee Arsii

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) – Taphoota CBE piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 3ffaan Nageellee Arsiin Bunni Itiyoophiyaa injifate.
Tapha har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Finfinneetti taphatameen Nageellee Arsiin galchii 3 fi 0’n Buna Itiyoophiyaa injifachuun injifannoo jalqabaa bara kanaa galmeessera.
Gabramasqal Dubbaalaa, Daawiit Taffaraa fi Kooliinsi Kofiin Nageellee Arsiif galchii tokko tokko lakkoofsisaniiru.
Kana hordofee Nageelleen sadarkaa isaa gara 2ffaatti fooyyeffateera.
Comments (0)
Add Comment