Tarsiimoo Guddicha Ida’amuu Dhugoomsuun Faayidaa Lammiilee Mirkaneessuuf Ni Hojjetama – Aadde Mufarihaat Kaamil

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Faayidaa lammiileetiif jecha hojiiwwan namooma giddugaleessa godhatan cimsuun Tarsiimoo Guddicha Ida’amuu dhugoomsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Mufarihaat Kaamil ibsan.

Aadde Mufariyaat hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman, fi dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo barbaadan ilaalchisee Koree Qindeessituu Mana Maree fi miseensota hoggansaa waliin raawwii hojii gamaaggamaniiru.

Aadde Mufariyaat wayita kana akka dubbatanitti, erga jijjiiramni mootummaa dhufee as fooyya’iinsi shallaggiin qoodinsa galiiwwan waloo qorannoo irratti hundaa’ee geggeeffamuun Mootummaan faayidaa lammiilee mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu isaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsii fi qoodinsi galiiwwan waloo Heera Mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa keewwata 98 jalatti tumame faayidaa lammiilee akka mirkaneessuuf Manni Marichaa hojiiwwan hordoffii fi gamaaggamaa cimsuun itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Gara fuulduraattis karooraa fi raawwiin hojii Mana Maree Tarsiimoo Guddicha Ida’amuu wajjin kan walsimu ta’uu akka qabu hubachisaniiru.

Mul’ata bara 2050tti Itiyoophiyaa walsimte, oomishtuu fi qaroomte dhugoomsuu galmaan ga’uuf hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun hojiiwwan lammiilee giddugaleessa godhatan cimsee hojjechuu akka qabu odeeffannoon Mana Marichaa irraa argame ni mul’isa.|

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment