Finfinnee, Adooleessa 16, 2018 (FMC) – Gamtaan Afrikaa nageenyaa fi tasgabbii waaraa naannoo Galaana Diimaatti mirkaneessuuf tattaaffiiwwan dippiloomaasii gaggeeffaman guutummaatti ni deeggaara jedhan Dura taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa, Mahaammuud Alii Yuusuf.
Mahaammuud Alii Yuusuuf ibsa isaanii keessatti, daandiin galaanaa Galaana Diimaa daldala addunyaatiif tarsiimoo olaanaa kan qabu ta’uu eeranii, haleellaan yeroo ammaa dooniiwwan daldalaa irratti raawwatamaa jiru naannichaaf yaaddoo guddaa ta’uu ibsaniiru.
Gamtaan Afrikaa nageenya amansiisaa Galaana Diimaa fi naannoo Baha Giddugaleessaa keessatti ijaaruuf tattaaffiiwwan naannawaa fi idil-addunyaa karaa nagaa gaggeeffaman ni deeggara jedhaniiru.
Mootummaa Saa’udii Arabiyaa irratti Huutiin uggura galaanaa erga labseen booda, dooniiwwan fe’umsaa boba’aa Galaana Diimaa irra geejjiban irratti haleellaa raawwatu cimsanii balaaleffataniiru.
Haleellaan Galaana Diimaa irratti raawwatamu sirna dhiyeessii addunyaa, dhiyeessii boba’aa fi faayidaa dinagdee biyyoota Afrikaa balaa keessa kan galchu ta’uu ibsanii, haleellaan akkanaa akka dhaabbatuu fi seerotni idil-addunyaa akka kabajaman waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia