Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Inistiityuutii Hubannoo Namtolchee waliin ta’uun kan misoomse Teeknooloojii Sirna Dambii fi Bulchiinsa Miidiyaa qindaa’aa eebbiseera.
Sirni dijitaalaa haaraan kun oduu sobaa fi tamsaasa seeraan alaa to’achuuf gargaara jedhan Daayrekterri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaan sangataa eebbichaarratti ergaa dabarsaniin.
Teeknooloojichi hirmaannaa lammiilee caalmaatti kan mirkaneessu ta’uu eeruun, oduu sobaa fi tamsaasa seeraan alaa to’achuun itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessa jechuun ibsan.
Inistiityuutiin Hubannoo Namtolchee biyya diijitaalomte dhugoomsuu keessatti gahee isaa bahachaa jiraachuu Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutichaa Dooktar Warquu Gaachannaan himaniiru.
Teeknooloojiin har’a eebbifames kan yeroo madaalu ta’uu dubbatan.
Maqdas Yeneehuun.
#Oromia #Ethiopia