Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC) – Bara baajataa 2019 keessa guddinni diinagdee cimaan ni eegama jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi.
Koreen Imaammata Maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a walga’ii idilee 8ffaa gaggeessera.
Korichi walga’ii idilee 8ffaa gaggeesseen guddina diinagdee, qaal’iinsa gatii, dhiyeessii maallaqaa, haala damee Faayinaansii, dhimmoota diinagdee Gooroo fi kanneen biroo gamaaggameera.
Oomishalee Simmintoo, Sibiilootaa, Madda Anniisaa Elektirikaan fooyya’iinsi mul’ate, akkasuma sosochiin gaariin damee indaastiriin jiru guddinni diinagdee gaariin akka galmaa’uu agarsiiftuu ta’uu Dooktar Iyyoob dubbataniiru.
Fooyyeessi damee tajaajilaan, yaa’insa Turizimii, Geejjiba Qilleensaa, dhiyeessii liqaan mul’ataa jiru damichi caalmaatti akka si’oomu akeektuu ta’uu kaasan.
Akkasuma daldalli Warqee, galiin daldalaa oomishaalee dheedhii Kaappitaalaa guddinicha kan cimsan ta’uu ibsan.
Maallaqni bu’uuraa dhuma Baatii Fulbaana bara 2019tti guddina waggaa % 87.2 galmeessuu eeruun, bara darbe yeroo walfakkaataa % 72.6 kan ture waliin yoo madaalamu, daballii agarsiisuu isaa ibsaniiru.
Dhiyeessiin maallaqaa bara darbe % 33.2 ture amma % 40.2 ta’uu dubbatan.
Kurmaan 1ffaa keessa Kuufamni Maallaqaa Baankilee % 85.4, kuufamni liqaa waliigalaa ammo % 4.6 guddina galmeessuu himan.
Sirni imaammata baajataa of-eeggannoo fi too’annoo cimaa irratti hundaa’uun, imaammata maallaqaa cimaa Baankii Biyyaalessaa waliin kan walsimu, akkasumas ajandaa fooyyessa dinagdee Gooroo waliigalaa wajjin kan wal-simatu ta’uu isaa ibsan.
Mootummaan bara baajataa kana Baankii Biyyaalessaa irraa liqii kamiyyuu waan hin fudhanneef, yeroo liqii Baankii Biyyaalessaa Baatiwwan 27 ol ta’uu kaasan.
Kunis qaala’iinsa gatii to’achuu fi hir’isuuf gumaacha guddaa taasiseera jedhan.
Malkaam Fiqaaduutiin