Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Seenaa Itoophiyaa keessatti, gamtoominni, tokkummaa fi ogummaan cichoomina waloo yeroo hunda bu’uura injifannoo hin sarmine ta’ee darbeera.
Akka abbootiin keenya, “Jirbiin walirra buutee arba hiiti ” jedhanii mammaakan, Itoophiyaanonni kaayyoo tokkoofi garaa tokkoon yeroo dhaabatan, wanti hin danda’amne ni danda’ama; gaaraafi sulula qormaataa darbuun hin danda’amne fakkaatu hundi dirree salphaa ta’a.
Gatii humni tokkummaa fi gamtoominaa jiraachuu fi olka’iinsa biyyaaf kennu, nuti qofa osoo hin taane, Afrikaanonnis sirriitti hubatu.
Pirezidaantiin duraanii Afrikaa Kibbaa, Nelsan Maandeellaan, “Tokkummaan bu’uura bilisummaa fi guddinaa isa ijoodha; uummanni tokkummaan dhaabbatu qormaata mo’uu hin dandeenye hin qabu” jechuun barbaachisummaa carraaqqii waloo ibsaniiru.
Akkasumas, falmaan mirga siiviilii Ameerikaa, kan bilisummaa gurraachotaaf waardiyaa dhaabbachuun beekamu, Maartiin Luutar Kiingi, “Tokkummaan waliin jiraachuu yoo hin baranne, kophaa kophaatti akka gowwootaatti badna” jechuun barbaachisummaa gamtoominaa cimsanii ibsaniiru.
Itoophiyaan seenaa isheetiin kabajaa fi ifa abdii uummattoota gurraachaa taatee akka dhaabbattu kan gargaare, tokkummaa uummata ishee isa hin mo’amne kana.
Injifannoon Adwaa inni guddaan bu’aa seenaa tokkummaa kanaati. Itoophiyaanonni kallattiiwwan gara garaa irraa tokkummaan duulanii, karoora kolonummaa cabsuu fi mallattoo bilisummaa isaanii addunyaa irratti dhaabuu kan danda’an jabina waloo kanaan ture.
Hafuurri gamtoominaa injifannoo Adwaa irraa madde har’as hin badne. Yeroo adda addaatti hidhaan tokkummaa keenyaa laafaa fi bu’uurri gamtoomina keenyaas dadhabaa fakkaatee yoo mul’ates, dhaalli qaaliin dhaloota sanaa har’as injifannoowwan seenaa haaraa dhalchuu danda’eera.
Itoophiyaanonni akka nama sagalee tokkoon dubbatuufi akka nama garaa tokkoon ragaa bahuutti, Hidha Haaromsa Guddicha waliin ijaaran, tokkummaa ammayyaa kanaaf ragaa jiraataa dha.
Har’a Qaammeen 4 “Guyyaa Daneessummaa” jedhamee yeroo moggaafamu, dadhabina waloo keenya tokkummaan mo’achuun, guyyaa eebbifamuu Hidha Haaromsaa waliin labsine sana yaadachuun kabajaa jirra.
Kana malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti, lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman hirmaatanii, yeroo gabaabaa keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun, eegumsa naannoo fi jijjiirama qilleensaa addunyaatiif hirmaannaa ajaa’ibaa agarsiisan. Kunis bu’aa guddaa biraa kan tokkummaa keenyaati.
Rakkooleen uumamaa fi nam-tolchee biyya qoran, akkasumas dhiibbaan keessaa fi alaa waraana caalu, yeroo adda addaatti kan dandamachuun danda’ameefi gara fuulduraattis kan dandamachuun danda’amu, tokkummaan dhaabbachuun qofa.
Tokkummaan yoo jiraate, biyya dhaabuu, gara sadarkaa olaanaatti olkaasuu fi kallattii seenaa gara gaariitti jijjiiruun salphaa ta’a.
Taarikuu Laggasaatiin
#Oromia #Ethiopia