Tokkummaan Biyyaalessaa imala badhaadhinaa Itiyoophiyaaf bu’uura- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2019 (FMC)- Tokkummaan Biyyaalessaa imala badhaadhinaa Itiyoophiyaaf bu’uura jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Guyyaan Alaabaa 19ffaan mata duree” Alaabaa keenya Waliigaltee fi Tokkummaa Biyyaaleessaa keenyaaf “ jedhuun har’a kabajama.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa Alaabaa 19ffaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, Alaabaan keenya seenessa waloo keenyaaf, birmadummaa fi garaagartee keenya gidduutti dandeettii waloon dhaabbachuu kan mul’isu mallattoo tokkummaa biyyaaleessaa keenyaati jedhan.

‎Injifannoo Adwaarratti ummanni Itiyoophiyaa garaagartee qabu dhiisuun, waloon dhaabbachuun injifannoo guddaan xiyyeeffannoo addunyaa hawwachuu kaasaniiru.

Abbootiin keenya qormaatilee keessatti walqooduurra tokkummaa mul’isaniiru jedhan.
‎
Waamichi waloon dhaabbachuu yommiyuu taanaan addaan citee hin beeku, tokkoon tokkoon dhalootaa waamicha kanaaf akkamiin deebii kennuu akka qabu sirritti beekaa jedhan.

Ida’amuun hunda keenya gaaffii salphaa tokko nu gaafata, nuti egeree biyya keenyaa mooggaa dhaabbannee kan ilaaluudha? Moo Biyyattiin kan kootii? egereen ishee naa yaachiisaa? Jechuu kan dandeenyu ?afaan, Amantiin fi eenyummaan barootaaf waloon kan keessa darbinu imala seena qabeessa waloon kan walitti hidhaman hojii harka tokkooti jedhan.

Biyyaaf dhaabbachuun ejjennoo xixxiqqoo irraa eegala, of bira darbee mul’ata qabatanii hojjechuu gaafata.

Dhaloonni darban biyyattii wareegamaan nutti dabarsaniiru, nuti immoo biyya waloon bu’uureessinu dhaloota dhufuuf kan dabarsinu.

#MootummaaIda’amuu

Comments (0)
Add Comment