Finfinnee, Hagayya 1, 2018(FMC)- Turkiyyee, Sa’ud Arabiyaafi Paakistaan waliigaltee waraanaa gamsadee mallatteessaniiru.
Waliigaltee Makkaa jedhamuun kan mogga’e waliigaltee tumsa waraanaa biyyoota sadeenii kana Pireezidaantiin Turkiyyee Rasiib Xaayib Eerdoohaan, Dhaaltuun Gonfoo Mootummaa Sa’ud Arabiyaa Mohaammad Biin Salmaan fi Ministirri Muummee Paakistaan Shaahibaaz Shaariif mallatteessaniiru.
Waliigaltichi tumsa waraanaa biyyoottan kanneenii cimsuufi muddama Baha Giddugaleessaatti hammachaa jiru keessatti nageenya isaanii eegsisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Akkaataa waliigaltichaatti haleellaan biyya tokko irratti raawwatamu akka waan warreen kaan irrattis raawwatameetti kan ilaalamu yoo ta’u yaaddoowwan nageenyaa isaanii ittisuuf qooda olaanaa qaba jedhameera.
Keessumaa Iraan fi hidhattoota Huutii irraa haleellaan miisaa’elaa irra gahaa kan jiru Sa’ud Arabiyaaf faayidaa waraanaa olaanaa ni qabaata amantaa jedhu uumeera.
Paakistaan waggoota dheeraaf loltoota Sa’ud Arabiyaaf leenjii waraanaa fi deeggarsa teekinikaa gochaa akka turte Aljeezraan gabaaseera.
Bifuma walfakkaatuun Turkiyyee fi Paakistaan dooniiwwan waraanaa fi xiyyaarota leenjii waljijjiiraa akka turan yaadachiisuun, Riyaad bara faranjootaa 2023 Turkiyyee irraa diroonii bituuf waliigaltee mallatteesitee akka turtes ibseera.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia