Waancaa Addunyaan har’a taphoonni lama ni taphatamu

Finfinnee,Waxabajjii 6, 2018 (FMC) –Waancaa Addunyaa 23ffaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan oolmaa guyyaa 3ffaan har’a taphoonni lama ni taphatamu.

Halkan sa’aatii 4:00 eegalee Qaataar Siwiizarlaandi waliin taphatti.

Biyyoonni lamaan tapha Waancaa Addunyaarratti yeroo jalqabaaf waliin taphatu.

Akkasuma halkan 7:00 jalqabee Biraaziil Moorookoo waliin taphatti.

Biyyoonni lamaan kana dura tapha michoomaa 2 fi Waancaa Addunyaan tokko waliin taphachuun,Biraaziil lama yoo injifattu, Moorookoon si’a tokko injifatteetti.

Tapha Michoomaa bara Faranjootaa 1997 waliin taphataniin Birzaaliin galchii 2 fi 0’n Moorookoo injifatte.

Tapha Waancaa Addunyaa bara 1998 waliin taphataniin Biraaziil galchii 3 fi 0’n Moorookoo yoo injifatu, tapha michoomaa bara kana torbee lama dura waliin taphataniin ammoo Moorookoon galchii 2 fi 1’n Biraaziil injifatte.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment